Dhaabbanni Makkoo Foundation jedhamu meeshaalee yaalaa qarshii miliyoona dhibba afuritti tilmaamamu dhaabbilee fayyaa Magaalaa Shaashamanneetiifi Godina Arsii Lixaatiif oolu gumaachan.
-----
Dhaabbatichi meeshaalee yaala Haadholii fi Daa'immanii dabalatee kan waliigalaatiif oolu koonteenara shan gumaachuuf waadaa galanii turan guyyaa har'aa koonteenara tokko Hospitaala Kompriheensiivii Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Shaashamanneetiif dabarsanii kennnan walarkaa fuudhinsi taasifame.
Hundeessituu fi Dura Buutuun Makkoo Foundation Aaddee Makkoo H/Aadam Falamaa yaada nuuf kennaniin, dhaabbatichi maatii isaanii fi hawaasa Oromoo fi kanneen biroo biyyoota akka Ammeerikaa,Kaanaadaa, Awustiraaliyaa, akkasumas dhaabbilee gara garaa waliin ta'uun meeshaalee yaalaa qarshii miliyoona dhibba afuritti tilmaamamu deeggarsaan gumaachuu himaniiru.
Aaddee Makkoon jiraattuu biyya Ameerikaa yoo ta'an, deeggarsa kana taasisuuf kan isaan kakaase Haadholii hanqinna meeshaalee yaalaa ammayyaa'aa fi siree gahaa dhabuun dararamaa turan tajaajila gahaa fi saffisaa ta'e akka argataniif kan gargaaru ta'uu himaniiru.Gara fuuladuraattis innisheetiivii eegalan kana itti fufsiisuu kan barbaadanii fi meeshaalee kanas Hospitaalichii fi hawaasni kunuunfachuun dhalootaaf dabarsuu akkaa qabanis dhaamaniiru.
Kantiibaan Magaalaa Shaashamannee Obboo Adaanee T/ Giyoorgis ergaa dabarsaniin,
meeshaaleen yaalaa deeggarsaan kenname hawaasa keenna baadiyaa keessa jiru caalmatti akka fayyadamaniif hedduu barbaachisaadha jedhan.
Sababa hanqinna meeshaalee yaalaatiin Haadholii fi Daa'imman akkasumas hawaasni bal'aan baasiif dhamaatii;darbees lubbuu dhabaa turuu ibsuun, rakkoo kana furuufis kan gargaaru ta'uu himaniiru. Bali'nna Magaalaan keenna qabduun walbira qabamee yoo ilaallamu hawaasni keenna tajaajila saffisaa hunda galeessa gama Fayyaa fi kan birootiin nurraa barbaadu guutuuf gaheen dhaabbilee hundaatuu murteessaa ta'uu kaasuun,gahee isaanii akka bahanis dhaamaniiru.
Ittigaafatamaan Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaashamannee Obboo Sulxaan Huseen akka jedhanitti,Dhaabbanni Makkoo Foundation dhaabbilee gara garaa saddeet ta'an waliin ta'uun, dhaabbilee fayyaa Magaalaa Shaashamannee fi Godina Arsii Lixaatiif meeshaalee yaalaaf oolan gumaacha taasisuu himaniiru.Guyyaa har'aas meeshaaleen kun Hospitaala Kompriheensiivii Ispeeshaalaayizdii Waliigalaa Shaashamanneetiif koonteenarri tokko galuu himan.Nutis meeshaaleen kun tajaajila barbaadamuuf akka oolaniinfi hawaasni keennas fayyadamoo ta'u cimnee ni hojjanna jedhaniiru.
Hoogganaa Itti Aanaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr.Bokonaa Guutaa akka jedhanitti,akka Oromiyaatti dhaabbilee fayyaa babaldhisuu,humna namaa fi meeshaalee yaalaa guutuuf hojjatamaa jiraachuu himan.Mootummaan kophaa isaa bakka hunda gahuu waan hin dandeenneef dhaabbileen tola ooltotaa biyya keessaa fi alaa hawaasa keessaa bahan humnaa fi beekkumsa qabdaniin quuqamaa fi aantummaan akka tajaajilanis ergaa dabarsaniiru.
Makkoo Foundation fi dhaabbanni misoomaa Utaa waayuu, akkasumas dhaabbilee biroo waliin ta'uun meeshaalee ammayyaa ta'an gumaachanis galateeffatanii jiru.
Sagantaa walarkaa fuudhinsa meeshaalee yaalaa kanarratti keessummoonni sadarkaa Federaalaa, naannoo, hawaasni Diyaaspooraa Oromoo biyyoota gara garaa jiraatanii fi kanneen biroo hirmaataniiru.
Makkoo Foundation fi dhaabbanni misoomaa Utaa waayuu, akkasumas dhaabbilee biroo waliin ta'uun meeshaalee ammayyaa ta'an gumaachanis galateeffatanii jiru.



